Itoophiyaan daangaa irratti miseensota garee IS to'annoo jala oolchuu beeksiste

Alaabaa ISIS Image copyright Getty Images

Itoophiyaan loltoota garee IS jedhuun of waamuu fi Somaaliyaa keessatti socho'u magaalota daangaa Itoophiyaa Somaaliyaa fi Keenyaa daangessan qabu ishee beeksiste.

''Miseensonni al-Shabaab, kan garee IS illee galuudhaaf (gara Itoophiyaa) tattaaffii guddaa gochaa turani. Nutimmoo hordofnee qabnee jirra,'' jechuun qondaalli Raayyaa Ittisaa BBC'tti himaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti - gaafatamaan Waajjira Itti-aanaa Itaamaajor Shuumi Koloneel Tasfaaye Ayyaaloo shakkamtoonni 'magaalaalee Jigjigaa, Dirree Dhawaa, Mooyyalee, akkasumas Dollootti qabaman,' jedhan.

Baay'ina isaanii fuuladuratti ifa goona kan jedhan qondaalli kuni garuu ''baay'eedha,'' jedhaniiru.

''Lammiileen Itoophiyaa muraasni ni jiru. Harki caalu garuu lammiilee biyya alaati. Warra Yamaniifi Sooriyaa kanatu baay'ata,'' jechuun dubbatan.

Yeroo darbe gareen shororkessaa IS jedhamu yeroo duraaf Afaan Amaaraan ergaa qopheessaa akka jiru himee ture.

Kuni, hangam nageenya biyyattii yaaddessa kan jenneen qondaalli kuni ''eegumsi keenya cimaa waan ta'ef galuu hin danda'ani. Nuyi eegumsa keenya cimsinee daangaa irratti qabne,'' jedhan.

Kana dura yoo Somaaliyaatti yoo ta'e malee loltoonni IS Itoophiyaa keessa to'atamnii hin beekan kan jedhan qondaalli kuni erga isaan afaan Amaaraan ergaa dabarsani as to'atamuu himan.

Miseensa IS ta'un isaanii akkam barame kan jenne Koloneel Tasfaaye ''Tokkoffaa nuti achi yeroo ka'an hin beekna,'' jedhan.

Dabalataan garuu ''ummata Somaale gamas jiru waliin hojjenna. Jijjirama amma jiru kana waan deeggaruf odeeffannoon takka darbuu hin dandeessu,'' jedhan.

Yeroo qabamanis meeshaa waliin ta'u kan himan qondaalli kuni ummanni keessumaa daangaarra jiru odeeffannoo yoo qabaate Raayyaa Ittisa Biyyaatti himuu qaba jechuun ergaa dhaamaniiru.

Kanneen qabaman eenyu?

Akka Koloneel Tasfaayen jedhanitti gareen buufata isaa Somaaliyaa taasifate kuni ''namoota hojii barbaacha biyya alaa deeman qabanii qofa dirqisiisani barsiisu'' jedhu.

Garuu, ''Afaan keenya xiqqoo xiqqoo barsiisanii kan ergan. Kunimmoo, qabamaa jiru. Ammaa booda yoo dhufanis ni qabna,''

Ammaan achi biyya keenya hamma galanitti hin eegnu kan jedhan Koloneel Tasfaayen ''biyyoota akka Somaaliyaafi kaan gargaarree achumatti akka rukutan goona,'' jedhan.

Maaliif IS Itoophiyaa irratti xiyyeeffate

Gareen IS jedhamuufi biyya Somaaliyaa keessa socho'u ergaa afaan hojii federaalaa Itoophiyaa, Afaan Amaaraan, sagaleefi viidiyoon ergaalee qopheessaa akka jiru beeksiseera.

Image copyright Getty Images

Yeroo duraaf afaan biyya Itoophiyaan dabarse kuni Gaanfa Afrikaa irratti miseensota isaa baay'ifachuuf akka yaade kan agarsiisu akka ta'e himu qondaalli Itoophiyaa.

Gareen kuni bara 2018 biyya Somaaliyaa, Puntiilaand magaalaa daldalaa kan taatee Bosaasootti lammiilee Itoophiyaa sadii ajjesseera.

Dhukaasa itti banameen kan biraa tokkollee madaa'ee ture.

MM Abiy erga gara aangootti dhufani as biyyoota Gaanfa Afrikaa gara caalu walitti dhufeenyi isaanii nageenya ta'e gama diinagdeenis akka cimu hojjetaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata