Warri Jaappaan sanyii namaafi lubbu-qabeyyii biroo irraa qaama namaa uumuuf

Tuqaa reefuu dhalatan Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Tuqaa reefuu dhalatan

Dhalli namaa yeroo dheeraaf sanyii namaafi lubbu qabeessa biroo waliin akka walitti makamuuf yaadamaa tureera. Warri Giriik durii hojii akkasii kana "chimerals" jedhu. Akkas jechuunis, abjuu guyyaa akka jechuu fakkaata.

Amma uumamni akka kanaa kun waan dhugoomuutti dhiyaate fakkaata.

Kunis erga mootummaan Jaappaan garee saayintistootaa qaamota dhala namaa garaa garaa miciree lubbu qabeessa biroo keessatti guddisuu qofa osoo hin taane micireewwan kunneen qabatamaan akka walitti dhufan hayyamanii boodadha.

Qorannoon kun Yunvarsiitiiwwan Tookyaaofi Istaanfoord irraa kan ta'e Hiromitsu Nakauchi tiin kan gaggeeffamudha.

Hojiin isaanii ammoo micireewwan antuutaafi tuqaa foyyeeffame seelii guddicha dhala namaa waliin walitti makuudha akka irra deebiidhaan qabamee akka rajiijiitti guddatu gochuu dabalata.

Micireewwan kunneen ammoo lubbu qabeessa biraa kanaaf qophaa'e keessa kaawwama. Galmi guddaan Prof. Nakauchi kaawwanne jedhan ammoo lubbu qabeeyyiin guyyaa tokko qaamoleen dhala namaa kan namootaaf jijjiiruun danda'amu baadhachuu akka danda'anidha.

Hanga dhyeenya kanaatti, Jaappaan qorattoonni micireewwan lubbu qabeeyyii seelii dhala namaatti makaman guyyoota 14 booda akka dhaabsifamu gochaa turte. Micireewwan sana garuu akka guddatuuf gadameessa lubbu qabeeyyii biroo keessa akka taa'aniif garuu dhorkaa turte.

Haata'u malee, qorattoonni akka hayyama projektootaa dhuunfaan argataniif dhorkaawwan kunneen amma kaafamaniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Hundeen seelii yeroo marfee waraanamutti

Yaaddoowwan safuu

Prof. Nakauchi dhimma kanarratti qorannoo gaggeessuuf nama jalqabaa miti. Inniifi qorattoonni biroon seeliiwwan dhala namaa kan tuqaa, antuutaa, booyyeefi kan hoolaa keessattillee guddisaniiru.

Galmi saayintistoota kanaa qaamoleen dhala namaa jijjiirraaf barbaachisan, keessumaa kanneen hir'inni dhiyeessuu jiru akka rajajiijii dhiyeessuufidha.

Bara 2017 keessa, Prof Nakauchi osoo tuqaa dhukkubsattuu keessa hin galchiiniin dura rajiijii tuqaa miciree fayyaalessa ta'e antuutaa keessatti guddisuun tuqaa dhukkuba sukkaaraa qabdu fayyisuu danda'eera.

Haata'u malee, sababii ulaagaalee seeraa barbaachisaniif ykn yaaliiwwan hin milkaa'iin hafanirraa kan ka'een qorannoowwan seeliiwwan dhala namaa dabalatan addaan akka citan taasifamaniiru.

Qorannoon kun yaaddoo naamusaafi safuu kaasiseera. Kun carraa seeliiwwan dhala namaa samuu lubbu qabeeyyii biroo keessatti uumamuudhaan akka inni yaada sammuutiin "namoomu" gochuu mala.

Haata'u malee, Prof Nakauchi akka walii galanitti yaaliin qorannoo isaanii "seeliiwan jiran gara rajiijiitti qofa akka deemanidha".

Adoolessa keessa, paanaaliin ogeessotaa kan Ministeera Barnootaa, Aadaa, Ispoortii, Saayinsiifi Tekinooloojii qorannoo isaa kana haalotaafi adeemsa addaa jalatti mallatteessaniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Hoolaan yeroo aanaan hootuudhaan dhugdu

'Lubbu-qabeeyyii fuula namaa qaban'

Malli akkasii kun micireewwan lubbu-qabeeyyii sanyii isaanii foyyeessuudhaan qaccee sanyii qaama ta'e omishuudhaan walqabate maqsuudhaan yommuu ta'u haala kanaan rajiijiin akkaataa itti hojjetame jechuudha. Gara fuula duraatti garuu, tiruufi kaleenillee bifa kanaan hojjetamuu danda'u ta'a.

Kanaaf, saayintistoonni micireewwan lubbu-qabeeyyii seeliiwwan hundee namaa waliin marfee waraananii walitti makuu ture. Amma ammoo micireewwan kunneen guutummaatti akka guddatan ni hayyamamaaf.

Hayyamni Ministeerichi kenne kun ammoo akka Prof Nakauchi qorannoo isaa lubbu-qabeeyyii xixiqqaafi sanyiin isaanii kan namaarraa fagoo ta'an irratti qofaa akka gaggeessu gaafata, jechuun Ministeerichatti Daarektarri Bioethics fi Biosafety kan ta'an Ayako Maesawa BBC'tti himaniiru.

Dabalataanis, gareen kun sammuu waan garaa jiruu sanaa guddina seeliiwwan namaa sadarkaa gara garaa sammuu keessatti ni hordofu. Erga ga'anii dhalatanii boodas akkaataa guddina isaanii ilaalchisee hanga waggaa lamaatti hordoffiin ni taasifamaaf.

Prof Nakauchi BBC'tti akka himetti, hojiin waraqaa irratti taasifamu takka xumuramnaan, hojii qorannoo isaa Fulbaana keessa jalqabuuf jira.

Qorannoo yaalii Kaalifoorniyaa Yunvarsiitii Isaanfoord keessatti gaggeessaniin Prof Nakauchi seeliiwwan dhala namaa hanqaaquu hoolaa waliin walitti makuudhaan micireewwan sana gadameessa hoolaa keessa kaa'anii turan.

Micireewwan kunnen garuu guyyoota 28 booda badan. Seeliiwwan dhala namaa baayyee xiqqaa ta'e waan qaba tureef akka amala namaatiin guddachuu hin dandeenye, jechuun Prof Nakauchi gaazexeea the Asahi Shimbun jedhamutti himaniiru.

"Lakkoofsi seeliiwwan dhala namaa qaamawwan hoolaa keessatti guddatan gara malee gadi aanaadha. Waan akka dhibba keessaa tokko ykn kuma keessaa tokkoodha," jedhan.

"Sadarkaa sanatti, lubbu-qabeessi fuula namaa qabaatu gonkumaa hin dhalatu."

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Oomaa booyyee

Walirraa fageenya sanyii

Haata'u malee, seeliiwwan dhala namaa sanyii biraa keessatti guddisuun hojii salphaa miti.

Yunvarsiitii Teksaasitti qorataa kan ta'e Jun Wu, makaa micireewwan namaafi lubbu-qabeeyyii biroo kannen akaakuun isaanii walirraa fagoo ta'an akka booyyeefi hoolaa kana walitti fiduuf yaaluun hiika hin qabu jechuun falma.

Sanyii lubbu-qabeeyyii kana keessatti, seeliiwwan dhala namaa micireewwan warra gadameessi isaanii akka baatu taasifaman keessaa dafee bada.

Ji'a darbe, gaazexaan guyyaa guyyaan maxxanfamu El Pais jedhamu akka gabaasetti, saayintistoonni Ispeen laaboraatoorii Chaayinaa keessatti micireewwan makaa namaafi qamalee uumuu dubbatu.

Qorannoon kun Kaalifoorniyaatti Salk Institute for Biological Studies kan ta'an Profesar Juan Carlos Izpisua Belmonte kan durfamu yommuu ta'u, qorannoo kan ammaa kanaan dura laaboraatoorii keessatti micireewwan namaafi booyyee uumanii turan.

Gaazexaa El Pais jedhamu kanatti yoo dubbatan saayintistoonni kunneen, qorannoon isaanii dhiyeenya kanaan yeroo argannoon isaanii kun barruu qorannoo saayinsii beekamaa ta'e irratti maxxanfamee booda ummataaf ifa godhu.

Kun ammoo yeroo dhiyoo keessatti ni ta'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata