Gara fuula duraatti hirrinni bishaanii addunyaaf yaaddoo guddaa ta'u himama

Hojjattonni Hindiyaa bishaan dhumaa bolla bishaanii xiqqooo keessaa bishaan waraabanii Image copyright Getty Images

Lakkoofsi ummata addunyaa garmalee dabalaa jira. Kanaafuu baay'inni namoota foon soorataniifi sochiin dinagdee dabalaa dhufuunsaa qabeenya bishaanii irratti dhiibbaa umaa jira.

Adunyaa kana irratti naannolee adda bahan 400 keessatti hir'inni bishaanii olaanaa jedhamu akka jiruu fi haalichis ni fooyya'a jedhamee kan hin eegamne ta'uu Instititutiin Qabeenyaawwan Addunyaa (WRI) jiddugalli qorannoo teessumnisaa Ameerikaa Waashingitan taasifate ni mullisa.

Haala qorannoo kanaatiin hir'inni bishaanii walitti bu'insaa fi tasgabbii dhabiinsa siyaasaan walitti dabalame namoonni miliyonaan lakkaa'aman akka bakka jirenyaa saanii buqqa'aniif sababa ta'a.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Bishaan Haramaayaa baduu isaatiif eenyutu itti gaafatama?

Meeksiikoodhaa hanga Chiiliitti, qorannoo biyyoota Awurooppaa Kibbaa kanneen baay'ina turistootaan beekamuu fi naannoolee Meditiriyaaniyaaniitti taasifameen bishaan hangamii akka lafa keessaa fudhatamuu fi kan hangamii haalaan bu'aarra akka olu ibsameera.

Dhiyeessiin bishaan addunyaa sadarkaa yaadessaa irratti akka rgamu mul'isa.

Rakkinna Idil-addunyaa

Image copyright Getty Images

Ummanni addunyaa keenyaa kan harka tokko sadaffaa ta'u jechuunis biliyoonni 2.6 kan hir'nni bishaanii kan mudatu yoo ta'u, kanneen keessaas kan biiliyoona 1.7 ta'aniifi biyyoota 17 keessa jiraatan ammoo hir'ina bishaanii olaanaatu akka mudata.

Biyyoonni gammoojjii jiddugala bahaa keessatti argaman kanneen hir'ina bishaaniitiif akka saaxilaman kan himame yoo ta'u, sababii fayyadama gaarii hin taaneen biyyi Hindii hir'ina bishaanii olaanaaf saaxilamaa jiraachu barame.

Paaksitaan, Eeririyaa, Turkimeeniyaa fi Botswaanaa akkasuma biyyoota hir'ina bishaaniif saaxilamtoota jedhaman keessayi.

Ragaan kunis kan argame erga Institutiin Qabeenyawwan Uumamaa Addunyaa bishaan biyyoonni qaban keessaa hangamitti akka fayyadaman erga hubannoo keessa galcheen boodadha.

Hammantaann bishaan biyyoonni itti fayadaman yoo %80 ol kan caalu ta'e akka hir'inni bishaanii cimaan isaan mudatu kan agarsiisu yoo ta'u, biyyoonni baay'een haala yaachisaa keessatti argamu jedhamnis %40- 80 jidduutti kan fayyadamaa jiraniidha.

Hogganaan qorannichaa kan ta'an Rutigar Hofiset BBC'tti akka himaniitti, haalli Hinidii keessa jiru kan baayyee yaachiisaadha jedhamuudha. Haala ragaaleetiinis Hindiin hir'ina bishaaniitiin sadarkaa addunyaatti 13ffaarratti argamti.

Waya ammaa kanatti haalli yaachisaan jiraachu baatulleen, Meksiikoon yoo haala itti fayyadama bishaan ishee fooyyeessu baatte akka Hindii rakkinni akka mudachu malu qorannichi ni mullisa.

Kanaan alattis, Chaayinaa fi Rusiyaan akka biyyaatti hirrina bishaanii irraa bilasa jedhaman illeen magaalloonni gurguddoon akan akka Beejiing fi Moskoo hirina bishaanii olaanaa akkka qaban ibsameera.

Xaaliyaanii fi Ispeeniin dabalatee biyyoonni kibba Awurooppaa sababii turiistoota hedduu keessumeessaniin wal qabatee haala qabeenyaa bishaanii isaaniirratti dhiibbaa uumaa jira. Keessattuu ammoo waqxiin gogaadha jedhamu yoo dhufu akka caalaa cimu himameera.

Kibba Afriikaattis naannoolee lixaatti naannooleen Botsiwaanaa 10, naannooleen Naamibiyaa tokko tokkoo fi Angoolaan hir'ina bishaanii olaanaa akka mudatu ragaan ni mullisa.

Bara 1961 hanga 2014tti ammoo bishaan lafa jalaa addunya kanaa fi kan lafarraatti fayyadamuun dachaa 2.5niin dabaleerra. Bishaan biqiltuuwwan magarsuuf itti fayyadamnuus kan waggoota 50 dachaan dabaleera.

Biqiltuuwwan jallisiin biqilaniifi omishtoonni adda addaa ammoo waggaan bishaan parsantaa 67 fudhata. Bara 2014tti ammoo baay'iini industiriiwwan gurguddoon itti fayyadaman ammoo, kan bara 1961 irra ture irraa dachaa sadiin guddateera.

Gama biraatiin ammoo bishaanni ummanni addunyaa mana keessatti fayyadamu kan waggoota 40 caalaa dachaa jahaan guddateera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Afriikaa Kibbaatti magaalaan Kep taawon bara 2018tti hiriina bishaanii cimaa waan mudateera

Haa ta'u malee bishaan biqiltuuwwan magarsuuf itti fayyadamamun yeroo hundaa kallattiin ilmaan namaa qofaaf kan olu akka hintaane qorattoonni ni dubbatu.

Akka fakkeenyaattis beeladoota sooruuf bishaan parsantaa 12 akka fayyadamamu ni eeru.

''Kanaafuu ammantaa foon ilmaan namootaa sooratan to'chuun ykn hirrisuun yoo danda'ame, fayyadama bishaanii keenya hiriifne jechuudha,'' jedhu.

Qaamni Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii gammojjummaa hir'isuu irratti hojjatu tokko akka jedhuutti, haalawwan amma jiran hubannoo keessa galchuun namoonni naannoo gammoojjii fi irra caala gammoojii ta'an keessa jiraatan miiliyoon 200 bara 20130tti ni buqqa'u.

Image copyright Getty Images

Haa ta'u malee Qorataan Rutgar Hofiset akka jedhaniitti biyyoonni akka Siingaapor fi Israa'el fa'i hiriina bishaanii ittisuuf hojiiwwan garaa garaa raawwataa jiru. Biyyoonni addunyaa kan biraas isaaniin hordofu qabus jedhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata